Bakka bu’ummaa Bakka Bu’oota Ummataa kaasuuf kan dandeessisu wixineen qajeelfamaa qophaa’e

Finfinnee, Fulbaana 30, 2016 (FBC)- Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Filataman irraa amantaa wayita dhaban adeemsa bakka bu’ummaa isaanii kaasuun danda’amu irraattii wixinee qajeelfamaa qopheesse.

Lammiileen bakka bu’oota filatan irraa amantaa kan dhaba yoo ta’e gaaffii akka bakka bu’ummaan isaanii ka’u gaafatu irratti Hoggantootaa Paartilee siyaasaa waliin mari’ateera.

Marii isaaniin wixinee qajeelfamaa qophaa’e irratti daangaa raawwachiisummaa ummataa mana maree federaalaa fi naannoleef, ummataa filateen irratti ta’uun ibsameera.

Gaaffiin bakka bu’ummaa kaasuu waggaa filamanitti fi waggaa xumuraarratti dhiyeessuu akka danda’an eerameera.

Ta’us boordicharraa fudhatamummaa kan itti argatan haala addaan dhiyeessuun akka danda’amuu wixinichaan ibsameera.

Gaaffichi kan dhiyaachuu danda’u miseensi mana maree tokko naannoo filannoo dorgomeetti, gaaffiin filattoonni 100 ol irratti mallatteessaniin gaaffii bakka bu’ummaa kaasuu dhiyeessuu akka danda’an himameera.

Naannoo wayita ta’u ammo, gaaffii filattoonni 100 ol mallatteessan dhiyeessuu akka danda’anis ibsameera.

Wixineen qajeelfamichaa boqonnaawwan 7 fi keeyyata 41 kan qabu ta’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment