Bakka bu’oonni sabaa fi sablammiilee ummattoota Ityoophiyaa magaalaa Finfinneetti proojaktoota gurguddoo ijaarsa irra jiran daawwachaa jiru

Finfinnee, Sadaasa 28, 2013 (FBC) –Bakka bu’oonni sabaa fi sablammiilee ummattoota Ityoophiyaa magaalaa Finfinneetti proojaktoota gurguddoo ijaarsa irra jiran daawwachaa jiru.
Itti Aantuun Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee Addabaabayii Masqalaatti argamuun Bakka bu’oota sabaa fi sablammiilee ummattoota Ityoophiyaaf magaalaa Finfinneetti proojaktoota gurguddoo ijaarsa irra jiranii fi ijaarsi isaanii xumuramerratti ibsa laataniiru.
Proojaktoonni kunneen magaalaa Finfinnee magaalaa hawwattuu gochuun sochii hawaas- diingdee ishii cimsuun giddugala turiizmii gochuuf kan gargaaran akka ta’an ibsaniiru.
Proojaktii Shaggar miidhagsuun, Paarkii Tokkumma, Paarkii Shaggar,Proojaktii Addabaabayii Masqalaa, Aduwaa Zeeroo Kiiloo Meetrii fi Shaggar Daabboo fi proojaktoota biroorratti ibsa laataniiru.
Guyyaa Ayyaana Sabaa fi sablammiilee ummattoota Ityoophiyaa 15ffaa kabajuuf magaalaa Finfinneetti kan argaman bakka bu’oonni Sabaa fi sablammiilee ummattoota Ityoophiyaa Paarkii Tookkuumaa dabalatee Paarkii Hiriyyuummaa, paarkii Inxooxoo kan daawwatan ta’a.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment