Baha Naannoo Amaaraatti qaamoleen badii kumni 11 ol mootummaaf harka laachuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2014 (FBC) – Baha Naannoo Amaaraatti qaamoleen badii kumni 11 ol mootummaaf harka laachuu Biiroon Bulchiinsaaf nageenyaa naannichaa beeksiise.
Caasaaleen nageenyaa naannoo Amaaraa dhimmoota waqtaawaa fi biyyaleessarratti marii taasiisaniiru.
Caamsaa 1, 2014 eegalee naannichatti hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa naannoo Amaaraa Obbo Dassaalenyi Xaasaw ibsaniiru.
Hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu hojjetamaa jiru kanaanis qaamoleen badii kumni 11 ol mootummaatti harka laachuun gara seeratti deebi’uu isaaniin himaniiru.
Namoonni kumni 2 yakka cimaa raawwachuu isaaniin seeraan adabamuu isaanii ibsaniiru.
Maallaqni yeroo garaagaraa diinaaf dabarfamuuf turee Birrii miiliyoonni 37 olii fi meeshaaleen waraanaa seeraan alaa kumni 1 ol adeemsa olaantummaa seeraa kabachiisuu keessatti to’atamuu obbo Dasseelenyi eeraniiru.
Aandinnat Naahuusanaayitu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment