Baha Afrikaatti weerara awwaannisaa ittisuuf tumsi hawaasa idil addunyaa gaafatame

Finfinnee, Amajjii 29, 2012 (FBC) – Baha Afrikaatti weerara awwaannisaa ittisuuf tumsi hawaasa idil addunyaa gaafatame.
 
Ittisaa fi to’annoo weerara awwaannisaarratti magaalaa Finfinnee, Hoteela Skaay Laayititti mariin gaggeeffamaa jira.
 
Waltajjicharrattis tumsi dhaabbilee addunyaa barbaachisaa ta’uun ibsameera.
 
Waltajjicharratti ministiroonni biyyoota addaddaa, bakka buutonni Dhaabbata Nyaataa fi Qonna Addunyaa, tumsitoonni misoomaa hirmaachaa jiru.
 
Weeraraa fi ittisa awwaannisichaarratti ibsa laatameen Ityoophiyaa, Keeniyaa fi Soomaaliyaan miidhamuun ibsameera.
 
Eertiraa fi Sudaanittis miidhaan muraasni qaqqabuun ibsameera.
 
Weerarri awwaannisichaa bubbuluu akka malu, Ityoophiyaattis amma Waxabajjiitti turuu akka danda’utu ibsame.
 
Weerarichi Ityoophiyaatti naannoo Oromiyaa bahaa fi lixa Harargee amma Dirree Dawaatti, Baale, Booranaa fi Gujii, naannoo Kibbaa, baha naannoo Soomaalee, Afaar, kaaba baha Amaaraa, kibba Tigraayitti mudachuun hin dagatamu.
 
Misikkir Sinaaffiqtu gabaase.
Comments (0)
Add Comment