Badhaasni “Ogbarruu Gaaddisaa” Dilbata iftaanii gaggeeffama

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2016 (FBC)- Badhaasni “Ogbarruu Gaaddisaa” (Gadisa Award) Dilbata iftaanii Onkololeessa 18, 2016 akka gaggeeffamu Waldaan Barreessitoota Oromiyaa beeksise.

Sirnicharratti Kitaabota Ogbarruu bara 2014 maxxanfaman keessaa, kitaabni filatamaa ta’e ni badhaafama jedhameera.

Dabalataanis, Og-barreessitoota Afaan Oromoo dhiibbaa uuman 12’f beekamtiin kan kennamu ta’uun eerameera.

Barreessaa Oromoo tokkoof badhaasni “Galma Umrii Guutuu” akkasumas Gaazexeessitoota dhimma Ogbarruu Afaan Oromoo irratti ciminaan hojjetan sadiif beekamtiin kan kennamu ta’uu ragaan waldicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment