Badhaasni Odaa marsaa 7ffaan Mudde 11, 2016 kan gaggeeffamu ta’uu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 25, 2016 (FBC) – Badhaasa Odaa Marsaa 7ffaa gaggeeffamu ilaalchisee Dhaabbanni Bashaadduu Tola Maariyaam meediyaaleef ibsa kenneera.

Kaayyoon badhaasa Odaa hojiiwwan aartii biyya keessaa jajjabeessuufi hojiileen aartii hojjetaman carraa wal qixaa akka argataniif kan gargaaru ta’uu Aadde Bashaatuu Tola Maariyaam himaniiru.

Badhaasni Odaa marsaa 7ffaan Mudde 11, 2016 kan Hoteel Iskaay Laayitiitti kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.

Sagantichaan namoota gama Aartiin hojii gaarii hojjechuun dorgomaa ta’an wal dorgomsiisuun hojii Aartii akaakuu 60 kan badhaasu ta’uunis ibsameera.

Hojiileen badhaasaaf dhiyaatan kan waggaa tokko keessatti hojjetaman irratti xiyyeeffachuun kan raawwatamu ta’uu qindeessaan badhaasa Odaa Obbo Bosonaa Dheerassaan himanii jiru.

Badhaasni bara kanaa biyyoota Baha Afrikaa kan hirmaachisu ta’uu Obbo Bosonaan himanii jiru.

Bahaayiluu Baaneetu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment