Badhaasni Noobeelii Nageenyaa ejjennoo nageenyaaf qabaniin kan argamedha –obbo Gadduu

Finfinnee, Muddee 1, 2012 (FBC) – Muummeen ministiraa Dooktar Abiy Ahimad badhaasa Noobeelii Nageenyaa kan badhaafaman, hojii nageenyaa irratti murannoo agarsiisaniini jedhan ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw.

Dooktar Abiy badhaasa Noobeelii fudhachuu isaanii ilaalchisee Ameerikaa Imbaasii Ityoophiyaatti qophiin gammachuu ibsannaa taasifameera.

Qophicha irratti argamuun haasaa kan taasisan obbo Gadduu Aandaargaachaw, badhaasni kun kan argame muummeen ministiraa Dooktar Abiy Ahimad nageenya buusuuf murannoo agarsiisaniin yoo ta’u, beekkamtichi kan lammiilee Ityoophiyaa hundaati jedhaniiru.

Lammiileen Ityoophiyaa hundi nageenya biyyattiif waardiyaa dhaabbachuun akka irra jiraatus ibsaniiru.

Ameerikaatti Ambaasaaddarri guutuu Ityoophiyaa Fitsuum Araggaan gama isaanitiin, badhaasni Noobeelii kun jijjiirramoota hanga ammaatti argaman qofa osoo hin taane, gara fuula duraattis bu’aa caaluf hojjechuuf galtee guddaadha jedhaniiru.

Hoggantoonni Tirast Fandii Diyaaspooraa Ityoophiyaa Sadarkaa Idil Addunyaas miseensonni isaa deeggarsa isaanii cimsanii akka itti fufan waamicha dhiyeessera.

Qophicha irratti ministirri Dhimma Alaa obbo Gadduu Aandaargaachaw, ministirri Bishaan, Jallisii fi Iinarjii Injiinar Silashii Baqqalaa, Ambaasaaddar Fitsuum Araggaa, hoggantoonni amantaa, hoggantoonni Tirast Fandii Diyaaspooraa Ityoophiyaa Sadarkaa Idil Addunyaa, bakka buutonni waldaalee fi keessummoonni kabajaa argamuu isaanii ragaan Ameerikaatti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment