Badhaasni Noobeelii Nageenyaa bara Faranjootaa 2019 muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad injifatan nuufis ulfina jedhan Eertiraanonni

Finfinnee, Muddee 7, 2012 (FBC) – Badhaasni Noobeelii Nageenyaa bara Faranjootaa 2019 muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad injifatan nuufis ulfina jedhan Eertiraanonni.

Jilli Eertiraa proojaktoota misooma jallisii naannoo Amaaraa keessatti hojjetaman daawwateera.

Ministeera Qonnaa Eertiraatti daayreektarri fayyadama qabeenya uumamaa obbo Gabramasqal Tawaldaan Tajaajila Oduu Ityoophiyaatti akka himanitti, ummanni Ityoophiyaa fi Eertiraa rakkoo siyaasaarraa kan ka’e waggoota 20f adda turuu ibsaniiru.

Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad, preezdaant Isaayyaas Afawarqii waliin walitti dhiyeenyan hojjechuu isaanitiin hariiroon biyyoota lamaanii haaromaa jraachuu ibsan.

Hariiroon biyyoota lamaanii haaromuun walitti dhufeenyi ummataa akka cimu, nageenyii fi diinagdeen nannichaa akka jajjabaatu taasisa jedhaniiru.

Miseensi jilichaa Injiinar Iyyoob G/masqal gama isaanitiin muummee ministiraa Dooktar Abiy badhaasa Noobeelii injifachuu isaanitiin gammanneerra, boonnerra jedhan.

Badhaasichi kan ummata Ityoophiyaa, Eertiraa fi Afrikaanotaa ta’uus ibsaniiru.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment