‘Badhaasni Milkaa’ina Dhaabbilee Itiyoophiyaa’ walta’iinsaa fi dorgomtummaa kan cimsuudha-Hoggantoota Dhaabbilee Badhaafamanii

Finfinnee, Bitootessa 3, 2016 (FBC)- ‘Badhaasni Milkaa’inaa Dhaabbilee Itiyoophiyaa’ walta’iinsaa fi dorgomtummaa kan cimsu ta’uu Hoggantoonni Dhaabbilee Badhaafamanii ibsan.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad dhaabbilee shaniif beekkamtii kennaniiru.

Dhaabbileen badhaafamanis Ministeeraa Qonnaa, Itiyoo-Teelekoom, Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa, Tajaajila Poostaa Itiyoophiyaa, Pirojektii Hidhaa Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaati.

Hoggantoonni dhaabbilee badhaafaman kanneenis akka ibsanitti badhaasni kenname daran akka hojjetan kakaasu caalaa dhaabbilee biroof fakkeenyummaa kan uumuudha jedhan.

Ministirri Misteera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen akka ibsanitti, badhaasichi qonnaan bultoota fi horsiisee bultootaa Itiyoophyaa maraaf akka kennameetti kan fudhatamuudha jedhan.

Hoji Gaggeessaa Olaanaa Pirojketii Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa Injiinar Kifilee Horroon gama isaaniin, badhaasichi dhaabbileen hunduu damee bobba’anitti cimanii akka hojjetaniif kaka’umsa kan uumuudha jedhaniiru.

Hoji Raawwachiisaan Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa Masfiin Xaasawu ammoo badhaasichi milkaa’ina dhaabbatichaaf hojjettoota halkanii guyyaa hojjetaniif haamileedha jedhan.

Akkasumas dhaabbileen biroon milkaa’ina galmeessuuf akka hojjetan, sadarkaa biyyaalessaattis dhaabbilee ciccimoo uumuuf kan tumsu ta’uu eeran.

Hoji Raawwachiistuun Itiyoo-teelekom Firehiiwot Taammiruun gama isaaniin, milkaa’ina galmaa’eef beekkamtiin kennamuu caalaa fuulduratti hojii fooyya’aa hojjechuuf kaka’umsa kan uumuudha jechuu isaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment