‘Badhaasni Hacaaluu Hundeessaa’ Waxabajjii 22 gaggeeffama

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2015 (FBC)-‘Badhaasni Hacaaluu Hundeessaa’ marsaa 2ffaan Waxabajjii 22, 2015 gaggeeffama.

Faawundeeshiniin Artisti Hacaaluu Hundeessaa sagantaa badhaasichaa ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kenneera.

Sagantaa badhaasichaan dameewwan muuziqaa 12’n badhaasa akka kennu beeksiseera.

‘Badhaasni Haacaaluu Hundeessaa’, Faawuundeeshinii Haacaaluu Hundeessaatiin qophaa’ee, waggaa waggaan indaastirii muuziqaa jajjabeessuuf kan gaggeeffamu yoo ta’u, kan baranaa marsaa 2ffaan Waxabajjii 22, 2015 Hoteela Intarnaashinaalii Iskaaylaayitiitti kan gaggeeffamu ta’uun ibsameera.

Sagantichi yeroo jalqabaaf bara darbee kan eegalee yoo ta’u, dameewwan muuziqaa 10’n badhaasa kennuun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment