Badhaasa Noobeelii qorattoonni talaallii vaayirasii koroonaa argachuuf gumaachan lama injifatan

Finfinnee, Fulbaana 21, 2016 (FBC)- Badhaasa Noobeelii baranaan Damee wal’aansaan qorattoonni talaallii Vaayirasii Koroonaa argachuuf gumaachan lama injifachuun ibsame.

Qorattoonni kunneen Pirofeessar Kaataaliin Karikoo fi Pirofeesar Diiruu Weeyisman badhaasa Noobeelii kana akka qooddatan BBC’n gabaaseera.

Pirofeesar Kaariikoo fi Diiruu Weyismaan yeroo ammaa argannoo badhaasicha ittiin injifatan kana taasisuuf fedhii kan horatan bara Faranjootaa 1990 gara jalqabaa Yuunivarsitii Peensilviyaanitti ta’uun eerameera.

Qorattoonni lamaan argannoo irra ga’aniin weeararri vaayirasii koroonaa mudachuun dura sadarkaa yaadiddamaarraa akka turee fi qabatamaatti akka jijjiiramuuf bu’uuraa yaadiddamaa isaaniin, talaalliin qophaa’ee, namoonni miiliyoonatti lakkaa’aman akka talaalaman daandii saaquu gabaasichaan eerameera.

Yaadiddamni isaaniis, talaalliiwwan, vaayirasii fi baakteeriyaawwan akka adda baasan taasisuun dandeettii madinummaa namaa dagaagsuuf kan dandeessisu ta’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment