Badhaadhinni egeree biyyaa itti fuufsisuuf itti gaafatama dachaa paartii fudhatedha – MM Dr. Abiy Ahimad

Finfinnee, Gurraandhala 26, 2012 (FBC) – Badhaadhinni egeree biyyaa itti fuufsisuuf itti gaafatama dachaa paartii fudhatedha jechuun Muummeen Ministira FDRI fi preezdaantiin paartii Badhaadhinaa Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Paartiin Badhaadhinaa hoggantoota federaalaa fi naannoof leenjii Gurraandhala 17, 2012 eegalee gaggeessa turuun isaa ni yaadatama.

Preezdaantiin paartii Badhaadhinaa Dooktar Abiy Ahimad guutuu biyyatti hoggantoota paartii leenjirra turaniif guyyaa har’aa dhaamsa dabarsaniiru.

Dhaamsa isaniin Badhaadhinni egeree biyyaa itti fuufsisuuf itti gaafatama dachaa paartii fudhate ta’uu kaasaniiru.

ADWUIn dhaabbata afaan du’aarra ture akka ta’e kan yaadachiisan Preezdaantiin paartii Badhaadhinaa Dooktar Abiy Ahimad; humna haaraa, aanniisaa haaraa qabachun paartii ofii isaa akka haaratti hundeessedha jedhaniiru.

Jijjiiramni yeroo ammaa kana akka biyyatti eegalamee guddaa fi ariifatadha jechuun kaasaniiru.

Biyya tokko keessatti dimookiraasiin galma kan ga’u olaantummaa seeraa yoo kabajamedha jedhan.

Badhaadhinni hanqina yaada hinqabu kan jedhan Dooktar Abiy yaadoota kana gara gochaatti galchuun barbaachisadha jechuun dubbataniiru.

Filannoo bara kana haqa qabeessaa fi dimookiraasii akka ta’uuf hunduu ga’ee isaa ba’achuu qabas jedhaniiru.

Ityoophiyaan biyya federaalizimii dhugaa hojiirra oolchitu akka taatuuf Badhaadhinni ciminaan ni hojjeta jechuun himaniiru.

Ka’uumsii fi galmi ida’amuu yaada namarratti taasifatedha kan jedhan preezdaantiin Paartii Badhaadhinaa Dooktar Abiya “ida’amuun dandii keenyaa Badhaadhinni ammoo galma keenya” jedhaniiru.

Dhimma hidha haaromsaan walqabatee “qabeenya alaa argannuuf jennee kabaja biyya keenyaa dabarsinee hin laatnu” jedhaniiru.

Hidhicha faayida biyyoota biroo bifa hin miineen xumurree faayidarra ni olchina jechuun dubbataniiru.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment