Badhaadhina magaalaa keenyaaf boqonnaa malee saffisaan hojjachuu cimsinee itti fufna – Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2017 (FBC) – Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen misooma Koriidarii ilaalchisee Hooggantoota paartii morkattootaa; jiraattota; bakka buutota kaafamtoota misoomaa, namoota beekamoo fi abbootii amantaa waliin mari’ataniiru.

Barbaachisummaa misooma koriidarii waliin wal qabatee ciminootni; hir’inootni; komiiwwan osoo hin hafiin yaadotni garagaraa fi gaaffiiwwan bal’inaan ka’uu Aadde Adaanech fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin eeraniiru.

Nutis fayyadamummaa fi misooma uummataa mirkaneessuun alatti ajandaan dhoksaan qabnuwaan hin jirreef odeeffannoo fi hojimaata bal’inaan dhiyeessinee hubannoo isaanii kan dabalanii fi ulaa odeeffannoo isaanii kan guutan akkasumas gaaffiiwwan kaasaniif deebii kan ta’an ibsa bal’aa kennineerra jedhan.

Misooma koriidarii waliin wal qabatee odeeffannoowwan faallaa ka’an irrattis iftoomina uumneerra. Hiyyummaa nu salphise keessaa bahuuf kutannoon hojjachaa fi manneen yeroon isaanii irra darbee dullooman jijjiiraa kabaja lammummaa mirkaneessuurra jiraachuun keenya rakkoo hubannoo qabaachuu baatus; fedhiin misoomichaa garuu guyyaa guyyaatti sadarkaa olaanaan dabalaa ta’uusaa hubachuu dandeenyeerra jechuun ibsaniiru.

Daandiin jijjiiramaa mijataa waan hin taaneef rakkoolee keenya yeroo dandamannee jijjiirama bu’uuraa fiduuf waliin tattaafachuu akka qabnu waliif galleerra.

Hundaan olitti jiraattota magaalaa keenyaa galateeffachuu qabna.

Barbaachisummaa isaa hubachuun waan misoomaaf barbaachisan hunda tumsa taasisuun nu cinaa ta’uu isaanii argineerra. Nutis tajaajiluuf kutannoon itti seenne.

Kanaafis badhaadhina magaalaa keenyaaf boqonnaa malee saffisaan hojjachuu keenya cimsinee kan itti fufnu ta’uu keenya mirkaneessuun barbaada jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment