Badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf qabeenya qabnu haalaan fayyadamuufi misoomsuu qabna- Dooktar Abiy Ahimad

Badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf qabeenya qabnu haalaan fayyadamuufi misoomsuu qabna- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Bitootessa 13, 2017 (FMC) – Badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf qabeenya qabnu haalaan fayyadamuufi misoomsuu qabna jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad guyyaa har’aa naannoo Afaaritti pirojektoota misoomaa daawwataniiru.

Hojiileen misoma nyaata beelladaa, qamadii bonee, indaastiriifi bu’uuraaleen misoomaa misooma kooridariin hojjetamaa jiran abdii kan namatti horan ta’uu eeran.

Naannichatti hojiin misooma nyaata beelladaa lafa heektaara 500 irratti misoomaa jiraachuu kan ibsan Dooktar Abiy Ahimad, lafa kanarrattis kan faca’e gosa margaa haaraa ta’uu ibsaniiru.

Hojiin kun wayita hongeen mudatu beelladoonni akka Kanaan dura hanqina nyaataan akka hin dhumne kan deeggaru ta’uu dubbatan.

Lafa heektaara kuma 1fi 500 irratti misoomni qamadii bonee oomishamaa jiraachuu kaasuun, Kanaan dura naannichatti kan hin baratamne ta’uu dubbataniiru.

Hojiin misoma kooridarii naannichatti eegalame jalqabbii gaariirra jiraachuu ibsaniiru.

Naannichatti hojiin qonnaafi indaastirii jajjabeessaa ta’uu eeruun, qabeenya naannichi qabuun yoo madaalame garuu baay’ee hojjechuun akka barbaachisu kaasaniiru.

Badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuufi galma qabame milkeessuuf qabeenya biyyatti adda baasuun kutannoon hojjechuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Yoonaas Geetinnatitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment