Babal’achuu Busaaf sababni jijjiiramaa dhufuu amala dhibechaati jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2016 (FBC)- Weerarri dhibee busaa yeroo ammaa babal’achaa jiruu, waqtiin birraa walhormaata bookee busaaf mijataa ta’uu fi dhibechi jijjirrate mul’achuu irraa akka ta’e Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksise.

Hogganaan Biirichaa Dooktar Magistuu Baqqalaan raawwii tajaajilaa fayyaa kurmaana jalqabaa 2016 ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennaniin too’annoo fi ittisa dhibee busaan lammiileen milliyoona 1.5 qoratamuu himaniiru.

Dhibechi namoota kuma 359 irratti argamuun wal’aansa akka argatan taasifameera jedhan.

kana malees saaphanni siree lammiilee miiliyoona 7.2 ta’aniif raabsamuu, iddoon walhormaata bookee busaa hirmaannaa hawaasaan qulqulaa’uu biiffaan keemikaala iddoowwaan barbaachisaa ta’anitti gaggeeffamuu ibsaniiru.

Sababni weerarri kuni yeroo ammaa babal’achaa jiruuf baatiiwwan Birraa walhormaata bookee busaaf mijataa ta’uun eeranii, hawaasa birattis itti fayyadamni saaphana siree hanqina qabaachuu fi bookeen busaa amala jijjirrate mul’achuu irraan akka ta’e kaasaniiru.

kanaaf hawaasni keenya mallattoon dhukkuba busaa yoo arge hatattamaan gara dhaabbilee fayyaa ddeemuun akka wal’aansa argachuu qaban dhaamaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment