Baazaarii fi Agarsiifni Waldaalee Hojii Gamtaa Biyyaaleessaa 8ffaan guyyaa har’aa baname

Finfinnee, Bitootessa 10, 2013 (FBC) – Baazaarii fi Agarsiifni Waldaalee Hojii Gamtaa Biyyaaleessaa 8ffaan hanga Bitooteessa 13, 2013tti turu Magaalaa Finfinnee Giddugala Aadaa Oromootti banameera.
Daarikteerri Olaanaa Ejensii Waldaa Hojii Gamtaa Federaalaa obbo Usmaan Suruur waldaaleen hojii gamtaa bu’uura diinagdee biyyattii kan ta’e qonna ammayyeessuurratti gahee irraa eegamu bahaa akka jiru himaniru.
Itti Aanaa Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti, Qindeessaan Dhaabbilee Tajaajila Mootummaa obbo Zhaanxiraar Abbaay baazaarii fi agarsiifni marsaa 8ffaan ummata magaalichaatiif omisha qonnaa gatii madaalawaan dhiyeessuun qaala’insa gabaa ni tasgabbeessaa jedhan.
Bulchiinsi magaalichaa Birri miliyoona 500 ramaduun yuniyenoota waliin walitti hidhamiinsa gabaa uumuun xaafii fi qamadii shamattootaaf dhiyeessaa akka jiruus himan.
waldaalee hojii gamtaa 66,dhaabbilee miti-mootummaa 15 omishaa fi tajaajiloota isaanii dhiyeessaniiru.
Omishni qonnaa kuntaala kuma 4-5 kallattiin gabaaf kan dhiyaatu yoo ta’u omisha kuntaala kuma 20 oliif ammoo waldaalee omishtootaa fi waldaalee shamattootaa jidduutti walitti hidhamiinsa gabaa kan uumamu ta’uu ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment