Baayidaan Yamanitti lola gaggeeffamaa jiruuf deeggarsa isaanii adda kuta

Finfinnee, Amajjii 28, 2013 (FBC)- Preezdaantiin Ameerikaa Joo Baayidaan Yamanitti lola gaggeeffamaa jiruuf deeggarsa isaanii addaan kutu beeksisaan.
Yamanitti lola waggoottan 6f itti fufiinsaan tureef lubbuun namoota kuma dhibba 1 fi kuma 10 olii darbeera.
Baayidaan lollii Yamanitti gaggeeffamu dhaabbachuu qaba jechuun himaniiru.
Preezdaantichi kana kan jedhan gara aangootti erga dhufanii booda haasaa yeroo jalqabaaf dhimma imaammata alaarratti taasisaniin.
Waraanni Sa’uud Arabiyaan hooggannamee riphee loltoota Huutisii kan Yaman keessaa irratti gaggeeffamu kunis aanga’oota Ameerikaa Baayidaniin dura turan lamaan deeggaramee jira.
Yeroo amma kanas Yamanoonni miiliyoonatti lakkawwamaan beelaaf saaxilamuu isaanii ragoolee idil addunyaa ni muul’dhisu.
Preezdaantichi haasaa taasisaniin dabalataan dhimma baqattumaarratti xiyyeeffannoo laataniiru.
Kanaafis biyyisaanii imaammata Tiraamp dhisuun baqattoota hedduu akka simattu ibsaniiru.
Akkasumaas raayyaa Ameerikaa lola addunyaa 2ffaarra eegalee Jarmaan buufatee akka baasaniis ibsaniiru.
Maddi:-BBC
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
Comments (0)
Add Comment