Baatuutti daldaltoota gatii hinmalle dabalan 90 irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Hagayya 1, 2016 (FBC)-Bulchiinsa Magaalaa Baatuutti Daldaltoota seeraan ala meeshaalee bu’uuraa irratti gatii dabalan 90 irratti tarkaanfiin fudhatame.

Itti Gaafatamaan Waajjira Daldalaa Bulchiinsa magaalichaa Obbo Aashim Guraadee akka ibsanitti, fooyya’iinsa diinagdee gooroo mootummaan taasise hordofee daldaltoonni meeshaalee bu’uuraarratti daballii hinmalle taasisuun mul’achaa jiraachuu eeran.

Haaluma kanaan daldaltoota 90 ta’an daballii hinmalle taasisan irratti tarkaanfiin seeraa fi bulchiinsaa fudhatamuu ibsan.

Daldaltoota 30 ta’an immoo akeekkachiisni kennamuu dubbataniiru.

Rakkoon dhiyeessii akka hinmudanneef qaamolee dhimmichi ilaallatu wajjiin hojjatamaa jiraachuun himammeera.

Abdallaa Amaantu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment