Baatiwwan shaniitti daldala alaa bunaa, shaayii fi mi’eesituuwwan irraa galiin Doolaraa Ameerikaa miiliyoonni 500 ol argame

Finfinnee, Muddee 21, 2014 (FBC)- Bara Baajatichatti baatiwwan shaniitti daldalaa alaa bunaa, shaayii fi mi’eesituuwwan irraa galiin Doolaraa Ameerikaa miiliyoonni 500 fi miiliyoonni 25 argamu Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii beeksiseera.

Bara baajata 2014  baatiiwwan shaniitti oomishaalee  buna, shaayii fi mi’eesituuwwan tooniin kuma dhibba 1 fi kuma 14 fi 335.63 gara alaatti erguun doolaraa Ameerikaa miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 67.56  argachuuf karoorfamee, toonii kuma dhibba 1 fi kuma 35 fi 552.16 erguun galiin doolaraa Ameerikaa miiliyoonni dhibbi 5 fi miiliyoonni 25.6 argameera jedhame.

Raawwichi kan bara darbee yeroo walfakkaataan wal bira qabamee yoo ilaallamuu, ammeentaan toonii kuma 51 fi 298.87 ykn %79  fi doolaraa miiliyoona miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 44.50 ykn dabalata % 86.98 galmeessuu ragaan Abbaa Taayitichaarra argamee ni muul’dhisa.

Raawwiin buna baatiwwan shan keessaatti buna toonii kuma 108 fi 35.70 erguun doolaraa Ameerikaa miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 58. 81 argachuuf karoorfamee, toonii kuma dhibba 1 fi kuma 33 fi 113.74 erguun doolaraa Ameerikaa miiliyoona dhibba 5 fi miiliyoona 15.8 argamuu ibsameera.

Kunis kan bara darbeen wal bira qabamee yoo ilaallamuu ammentaan toonii kuma 51 fi 546.65 fi galiin ammoo daballiin doolaraa Ameerikaa miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 40.81 agarsiiseera jedhame.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment