Baatiwwan shanan dhufaniif gatii mana kiraas ta’e kireeffattoota mana gadi dhiisisuun dhorkaadha-Bulchiinsa Dirree Dhawaa

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2014 (FBC) Bulchiinsi Magaala Dirree Dhawaa baatiiwwan shanan dhufaniif jiraattonni manneen kireessan gatii mana kiraa dabaluus ta’e, kireeffattoota mana gadi dhiisuun dhorkaa ta’uu murteesseera.
Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa waxabajjii 2, 2014 walga’ii idilee taa’een murtoo garagaraa dabarseera.
Murtoo walga’ichaan murtaa’an keessa dhimmi kireessitootaa fi kireeffattootaa tokko.
Haaluma kanaan, kireessitoonni manaa magaalichatti argaman gatii seera qabeessa hintaane akka hindaballee hubachiiseera.
Kireeffattoota dhamaasuu, kireeffattoota gatii daballii kaffaluu kan hindandeenye mana gadi dhiisisuun baatiiwwan shaniif akka dhaabbatu murtoo dabarsuu ragaan kominikeeshinii magaalicharraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment