Baatiwwan shanan darban Oomisha damee Indaastiriirraa galiin Doolaarri miiliyoonni 131 argame

Finfinnee, Mudde 18, 2016 (FBC) – Baatiwwan shanan darban Oomisha damee Indaastirii alatti ergamerra galiin Doolaarri miiliyoonni 131 argamuu Ministeerri Indaastirii beeksise.

Dhiibbaan keessaa fi alaa jiraatus sosochii Itiyoophiyaan haa oomishtuun hojii hojjetameen Baatiwwan shanan darban Oomisha damee Indaastirii alatti ergamerra galiin Doolaarri miiliyoonni 131 argamuu Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allebal ibsaniiru.

Dameen Indaastirii Itiyoophiyaa dandeettiin sona dabaluu qabu gadi aanaa ta’uu isaan galiin oomisha alatti ergameen walgitu hin argamne jechuu isaanii ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment