Baatiwwan shanan darban meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii biiliyoona 5.9 ol baasan to’atamuu ibsame

Finfinnee, Mudde 22, 2016 (FBC) – Baatiwwan shanan darban hojimaata seeraan alaa ittisuuf hojii hojjetameen meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii biiliyoona 5.9 ol baasan to’atamuu Komishiniin Gumrukaa beeksiise.

Bara baajataa 2016 baatiwwan shanan darban keessa Meeshaaleen karaa seeraan alaa gara biyya keessaa galuuf turan Birrii biiliyoona 4.2tti tilmaamamanii fi gara alaatti ba’uuf turan Birrii biiliyoona 1.7 baasan to’atamuu Komishinichi gamaaggama gaggeessaa jiruun ibseera.

Baalli Sammuu namaa Adoochu, Meeshaaleen Elektirooniksii, Uffataaleen, Oomishaaleen Qonnaa, Beelladoonni fi Maallaqoonni biyyoota garaagaraa kanneen hedduminaan to’ataman ta’uu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment