Finfinnee, Mudde 17, 2017 (FMC) – Baatiwwan shanan darban galiin Birriin biiliyoonni 300 fi biiliyoonni 80 walitti qabamuu Ministeerri Galiiwwanii beeksiise.
Ministirri Ministeera Galiiwwan Ayinaalem Niguseen raawwii galii waggoottaan jijjiiramaa as jiru ilaalchisee ibs kennaniiru.
Karoorawwan misoomaa akka biyyatti qabaman hojiitti hiikuuf tarkaanfiin jalqabaa galii biyya keessaa fooyyeessuu fi guddisuu ta’uu himaniiru.
Kunis fedhii misooma sadarkaan jiru deebisuuf kan dandeessisu, bu’uuraalee misoomaa ijaaruuf qooda qabaachuu dubbataniiru.
Waggoottaan jijjiiramaa darban keessa hamma gadii guddisuu fi fooyyessuuf hojiileen bu’uuraa hojjetamuuu ibsaniiru.
Hojiin Imaammataa fi seera fooyyeessuu, kenniinsa tajaajilaa si’eessuu fi hojmaata teeknooloojii diriirsuu hojjetamuu kaasaniiru.
Fooyyessa taasifameen jijjiiramni qabatamaan argamuu Aadde Ayinaaleem himaniiru.
Bara 2010 galiin waggaa mootummaa Federaalaa Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 76 kan ture ta’uu eeruun, yeroo ammaa Baatiwwan shanan darban keessa qofa Birrii biiliyoonni 300 fi biiliyoonni 80 ol walitti qabamuu ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.