Finfinnee, Caamsaa 10, 2013 (FBC) – Baatiwwan salgan darbanitti qisaasa’ina humnaa Kiiloo Waatii miiliyoona dhibba 5 fi miiliyoona 71 hir’isuun danda’amuu Tajaajilli Elektirikii Ityoophiyaa beeksiiseera.
Tajaajilichi bara baajataa 2013 baatiwwan salgan darban keessaa hordofii fi to’annoo Teeknikaa fi Teeknikaan alaa taasiiseen qisaasa’ina humnaa Kiiloo Waatii miiliyoona dhibba 5 fi miiliyoona 71 fi kuma dhibba 7 fi kuma 14 fi 689 hir’isuun danda’amuu ibseera.
Kunis maallaqatti yoo jijjiirrame Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 35 fi kuma dhibba 8 fi kuma 56 fi 871 kan baasuudha jedhame.
Dhaabbatichi qisaaa’ina humnaa hir’isuuf Lakkoofstuuwwan CMRI jedhamu gara hojiitti galchuu himameerea.
Lakkooftuuwwan ammayyaa kumni 50 ol hojiirra jiraachuus ibseera.
Tajaajilli Elektirikii Ityoophiyaa baatiwwan sadan itti aanaan keessa qisaasa’ina humna hir’isuuf karoora bal’aa karoorfatee hojjechaa jiraachuu ragaan Tajaajilichaarraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.