Finfinnee, Caamsaa 29, 2015 (FBC) – Baatiwwan salgan darban balaan Tiraafikaa lubbuu namoota kuma 2 fi 700 galaafachuu Tajaajilli Fandii Nageenya Daandii fi Inshuraansii beeksiise.
Baatiwwan salgan darban keessa konkolaattoota kuma 288 irratti tarkaanfii namuusaa fudhatameen Birrii biiliyoonni walakkaanii ol mootummaaf galii ta’uu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan tajaajilichaa Obbo Jamaa Abbaasoon ibsaniiru.
Balaan tiraafikaa dabaluu irraa kan ka’e Caamsaa 30, 2015 hanga Waxabajjii 25, 2015tti duulli sosochii fi to’annoo daandii marsaa 3ffaa kan gaggeeffamu ta’uu eeraniiru.
Duulli to’annoo fi Hordoffii kun karra ba’umsaa Finfinnee Shanan, Magaalaa Finfinnee, Dirree Dhawaa, Naannoo Amaaraa, Naannoo Ummattootaa Kibbaa fi naannoo biroottis kan gaggeeffamu ta’uu ibsaniiru.
Fiqirtee Kabbadaatu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.