Baatiwwan saglan darban lammiilee miiliyoona 2.1f carraan hojii dhaabbii uumame – Aadde Mufariyaat Kaamiil

Finfinnee, Caamsaa 6, 2016 (FBC) – Sadarkaa Biyyalessatti Baatiwwan saglan darban lammiilee miiliyoona 2.1‘f carraan hojii dhaabbii uumamuu Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufariyaat Kaamiil ibsan.
Aadde Mufariyaat Raawwii karoora Ministeericha kan baatiwwan saglan darbanirratti gabaasa dhiyyesaniin, dhaabbiilee Teeknikaa fi Ogummaa keesatti Kaarikulamii haaraa bocuun ,fooyyessuun barbaachisaa ta’uu ibsuun, lammiileen miiliyoonni 1.7 leenjii fedhiirratti hundaa’e fudhachuu isaanii dubbataniiru.
Dameewwan Misooma Qonnaa, Indaastirii, Invastimantii fi tajaajilaan lammiilee miiliyoona 2.1’f carraan hojii uumamuu eeruu isaanii TOI gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment