Baatiwwan sadeen darbanitti kitaabonni kumni 12 ol mana Kitaaba Abrihootiif tola ooltotaan laataman

Finfinnee, Bitootessa 30, 2014 (FBC)- Baatiwwan sadeen darbanitti kitaabonni kumni 12 ol mana Kitaaba Abrihootiif tola ooltotaan laatamuu ibsameera.

Guyyaa har’as Ityoophiyaanoonnii fi lammiileen Ityoophiyaa biyya keessaa fi alaa kitaamni arjooman mana Kitaaba Abrihootiitti laatameera.

Sirna wal harkaa fuudhinsa kanarratti Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad argamaniiru.

Kitaabonni kunneenis dameewan adda addaatin tajaajila kan laataan ta’uu eerameera.

Namni dhuunfaa Beetliheem Solomoon jedhaman Biyya Ingiliziirraa kaka’umsa mataa isaaniitin kitaaboota kuma 5 fi 200 laataniiru.

Ambaasaaddar Maariqoos kan jedhamanii fi sooromarra kan jiran kitaaboota 904 laataniiru.

Maatiin nama dhuunfaa barsiisaa Yuunvarsiitii Magaalaa Finfinnee duraanii fi  yeroo ammaa lubbuun kan hin jirre kitaaboota 997 laataniiru.

Koolleejjiin Maayling kitaaboota 287 mana kitaabaa Abrihootiif laateera.

Yeroo itti aanuutti kitaabilee hedduu walitti qabuuf karoorfamuu Muummeen Ministiraa FDERI Abiy Ahimad ibsaniiru.

Ityoophiyaanoonnis arjoommi kitaabilee akka taasisaniif waamicha dhiyeessaniiru.

Namoota deeggarsicha taasisanis galateeffachuun, kennuu fi qooduun dhaloota ijaaruun ni danda’ama jedhaniiru.

Guyyaa har’as mana kitaabichaaf kitaabileen kumni 7 fi 383 kan walitti qabamee yoo ta’u, baatiwwan sadeen darbanitti kitaabileen kumni 12 walitti qabamaniiru.

Manni Kitaaba Abrihoot kitaabilee miiliyoona 4 ni barbaada jedhameera.

Fireehiywot Saffiitu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment