Baatiwwan sadan darban keessa Paaspoortiin kumni 500 ol maxxanfamuun gara biyya keessaa galuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 7, 2016 (FBC) – Baatiwwan sadan darban keessa Paaspoortiin kumni 500 ol maxxanfamuun gara biyya keessaa galuu Tajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaa beeksiiseera.

Daayrektarri Olaantuun tajaajilichaa Aadde Salamawiiti Daawwit raawwii hojii kurmaana 1ffaa ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Baatiwwan sadan darban keessa Paaspoortiin kumni 531 fi 800 maxxanfamuun gara biyya keessaa galuu ibsaniiru.

Paaspoortiin gara biyya keessaa gale kun lammiilee dursa argachuu qabaniif kennamuu dubbataniiru.

Magaalaa Finfinneetti Paaspoortiin kumni 45 fi 366 raabsamuu kaasaniiru.

Lammiileen Paaspoortiin maxxanfameef bilbila dhuunfaa isaaniin ergaa gabaabaa erguun akka fudhatan taasiifamaa jiraachuu eeraniiru.

Yeroo ammaa lammiileen kumni 190 ol Paaspoortii fudhachuuf iyyatanii eeggachaa jiraachuu dubbataniiru.

Hanga baatii Muddeetti lammiilee kanneen hunda keessummeessuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Hojjettoonni tajaajilichaa hojmaata badaan shakkaman 53 to’annoo jala ooluun dhimmi isaanii seeraan ilaallamaa jiraachuus eeraniiru.

Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment