Finfinnee, Bitootessa 2, 2015 (FBC) – Baatiwwan jahan darban turistoota biyya keessaafi alaarraa Birriin biiliyoonni 8.2 ol argamuu Komishiniin Turizimii Oromiyaa beeksiseera.
Turistoota biyya keessaarraa Birrii biliyoona 7.8, kan biyya alaarraa ammoo Birrii miiliyoonni 4.6 argamuu Itti aanaan Komishinaraa komishinii Turizimii Oromiyaa Obbo Daraaraa Katamaa ibsaniiru.
Baatiwwaan jahan darban turistootni biyya keessaa miiliyoonni 7.9 fi kan biyya alaa kumni dhibbi 1 fi kumni 20 Oromiyaa daawwachuu himaniiru.
Mootummaan turizimii Oromiyaa jijjiiruufi guddisuuf tarkaanfiiwwan adda addaa fudhachaa jiraachuu kaasaniiru.
Komishinichi tooftaawwan beeksisaa adda addaa fayyadamuun maqaa “Visit Oromia” jedhamu uumee meeshaalee qunnamtiifi miidiyaalee adda addaa fayyadamuun Oromiyaa beeksisaa jiraachuu dubbataniiru.
Maddi:- Bariisaa
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.