Finfinnee, Guraandhala 10, 2016 (FBC) – Piroojektoonni bishaan dhugaatii kumni 2 fi 563 baajata kappitaalaa, sagantaalee adda addaa fi hirmaannaa hawaasaa hojjetaman tajaajilaaf banaa ta’uu Pireezidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsaniiru.
Kana irraas uummanni kumni 407 fayyadamaa bishaan qulqulluu taasisuun kan danda’ame fi ; bara 2016 kana keessatti uummata miil.2.5 fayyadamaa bishaan dhugaatii qulqulluu taasisuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Pirojektoonni Finnaa 13 Xumuramuun Tajaajilli eegaluus ibsaniiru.
Rakkoo jijjiirama qilleensaa qolachuuf piroojektoota Finnaa 61 ijaaramaa jiran keessaa hanga ammaatti piroojektoota 13 xumuramuun bishaan meetir kuubii miiliyoona 40 ol kuusuu danda’amuu eeraniiru.
Kanaanis lafa hektaara kuma 2 fi 899 gara misoomaatti galchuun abbaan warraa kuma 16 fi 910 fayyadamoo misooma jallisii taasisuun eegalamuu dubbataniiru.
Gama biroon Ji’oottan jahan darban galiin Birriin biiliyoonni 57.07 sassaabamuu ibsaniiru.
Albuuda Gabaa biyya alaaf dhiyaaterraa galiin Doolaarri miliyoonni 131 argamu gabaasa caffeef dhiyeessaniin eeraniiru.
Maddi:- Caffee Oromiyaa fi BKO
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.