Finfinnee, Amajjii 17, 2014 (FBC)- Sadarkaa itti aanaa preezdaantiitti qindeessaan kilaastara magaaloota Obbo Addisuu Araggaa baatiwwan jahan darbanitti haalota rakkisaa keessatti hojiiwwan Kilaastera Magaalaa milkaa’inaan raaawwatamaniiru jedhaniiru.
Baaitwwan jahan darban yeroo ulfaataa biyyi keenya olaantummaa seeraa kabachiisuuf waraanarra turte ta’us Magaalota Oromiyaatti hojiiwwan gama maraan hojjetaman egeree milkaa’ina badhaadhina biyyattif agarsiiftuu ta’uudha kan ibsan.
Obbo Addisuu Araggaa, Magaalota Oromiyaatti kenna tajaajilaa foyyeessuu,bu’uuraalee misoomaa sirnaan hogganuu,wabii nyaataa mirkaneessuu,carraa hojii uumuufi tajaajila lammuummaaf xiyyeeffannoo kennuun hojjetamaa turuu ibsaniiru.
Baatiwwan ja’an darbanitti hojiiwwan kilaastera magaalaa milkaa’inaan raawwatamaniiru-Obbo Addisu Araggaa
Finfinnee, Amajjii 17, 2014 (FBC)- Sadarkaa itti aanaa preezdaantiitti qindeessaan kilaastara magaaloota Obbo Addisuu Araggaa baatiwwan jahan darbanitti haalota rakkisaa keessatti hojiiwwan Kilaastera Magaalaa milkaa’inaan raaawwatamaniiru jedhan.
Baatiwwan jahan darban yeroo ulfaataa biyyi keenya olaantummaa seeraa kabachiisuuf waraanarra turte ta’us Magaalota Oromiyaatti hojiiwwan gama maraan hojjetaman egeree milkaa’ina badhaadhina biyyattif agarsiiftuu ta’uudha kan ibsan.
Magaalota Oromiyaatti kenna tajaajilaa foyyeessuu,bu’uuraalee misoomaa sirnaan hogganuu,wabii nyaataa mirkaneessuu,carraa hojii uumuu fi tajaajila lammuummaaf xiyyeeffannoo kennuun hojjetamaa turu ibsaniiru.
Obbo Addisuun ibsa miidiyaleef laataniin, Magaalota naannoo keenyatti xiyyeffannoo kennuun hojii hojjetameen hojii dhabdoonni kumni 600 fi kumni 12’f carraa hojii uumuuf karoorfame keessaa karooraa ol hojii dhabdoonni kuma 700 fi kuma 15 oliif carraan hojii uumamuufi himaniiru.
Ha ta’uu malee rakkoon hojii dhabdummaa guutummatti kan hin furamne ta’uu dubbataniiru.
Kilaastera magaalotaan gaaffii Investimentii deebisuufis akka naannoo keenyatti fedhiiwwan investimentii kuma 3 fi 548 keessaa kumni 2 fi 130 deebii argachuun hojiitti akka seenan taasifameera jedhan.
Carraa kanaanis qonnaan bultootaa fi dargagootaf xiyyeffannoon kennamee jiraachuu ibsaniiru.
kilaastera Magaalotaan sirna daldalaa si’ataa fi dhaqqabamaa diriirsuun qala’iinsa jireenyaa foyyessuuf hojii hojjetameen walitti hidhamiinsi gabaa qonnaan bultootaa fi jiraattota magaalaa gidduutti diriiruu fi al ergiinis hojii hojjetameen doolaara Ameerikaa kumni 487 ol argamuu eeraniiru.
Raawwii proojektoota kilaastera magaalatinis proojektoota kuma 4 fi dhibba 931 sadarkaa naannootti Birrii biiliyoona 14.8 oliin ijaaramuuf karoorfame keessaa proojektoonni kumni 1 fi 471 tahan xumuramuun tajaajilaaf ooluu ibsaniiru.
Misooma manneen jireenya magaalota Oromiyaaf xiyyeeffannaa kennamee bara darbe hojjettoota mootummaa fi jiraattota magaalaaf lafa mana jireenyaa keennameen manneen jireenyaa kuma 11 fi dhibba 705 ijaaramanii xumaramuus himaniiru.
Walakkaa waggaa kana keessatti manneen qopheessaa magaalota naannoo keenyaarraa galii biiliyoona sadii walitti qabuuf karoorfame keessaa Birriin biliyoonni 2.6 walitti qabamuu obbo Addisuun ibsichaan eeruu ragaan Waajjira Preezdaantii Oromiyaarra argame ni muul’dhisa.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.