Baatiwwan arfan darbanitti carraa hojii uumuu baadiyyaatiin lammiileen kumni dhibba 2 ol fayyadamoo ta’an

Finfinnee, Sadaasa 25, 2013 (FBC)- Baatiwwan arfan darbanitti carraa hojii uumuu baadiyyaatiin lammiilee kuma dhibba 2 fi kuma  70 fi 320  fayyadamoo taasisuun danda’amuu ibsameera.

Karoora carraa hojii uumuu baadiyyaa wagga 10 fi raawwii baatii 4 bara 2013 irratti bakka hoggantoonni olaanoo hojii mootummaa federaalaa fi naannolee argamaniitti magaalaa Adaamaattii mariin taasifameera.

Ministir deettaan Ministeera Qonnaa FDRI obbo Saanii Raddiin, laakkoofsi lammiilee hojii barbaadanii wagga gara waggaattii dabala jiraachuu ibsuun, Ityoophiyaatti dargaggoonni miiliyoona 10 ol ta’aan hojii barbaddoota jedhaniiru.

Hojii dhabdummaan rakkoo hawaasummaa fi diinagdee akka qabu himuun, kun akka hin taaneefis xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru.

Haaluma kanaan ji’oottan arfan darbanitti lammiilee kuma dhibba 2 fi kuma 70 fi 320 carraan hojii umamuusaa himaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
Comments (0)
Add Comment