Baatiwwan arfan darbaniitti galiin Birriin biiliyoonni dhibbi 1 fi biiliyoonni 7 ol argame

Finfinnee, Sadaasa 9, 2013 (FBC) –Bara baajaataa 2013 baatii Adooleessaa eegalee hanga Onkololeessaa 30tti galiin Birriin biiliyoonni dhibbi 1 fi biiliyoonni 7 fi miiliyoonni dhiibbi 6 fi miiliyoonni 27 ol argamuu Ministeerri galiiwwanii beeksise.
Baatiwwan arfan darbanitti Birrii biiliyoona 1 fi biiliyoona 4 fi miiliyoona dhibba 5 fi miiliyoona 74 ol walitti qabamuuf karoorfamee biiliyoonni dhibbi 1 fi biiliyoonni 7 fi miiliyoonni dhiibbi 6 fi miiliyoonni 27 ol walitti qabamuu Ministirri Ministeera Galiiwwanii obbo Laaqaw Ayyaalew beeksisaniiru.
Raawwiin kunis kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaallame Birrii biiliyoon 17 fi miiliyoon dhibba 3 fi miiliyoona 19 fi kuma dhibba 7 ol caalmaa qaba jedhan.
Biirriin biiliyoonni 75 fi miiliyoonni 78 fi kumni dhibbi 2 fi kumni 76 taaksii biyya keessaarra kan argame yoo ya’u, Birriin biiliyoonni 36 fi miiliyoonni dhibbi 4 fi miiliyoonni 65 kumni dhibbi 1 o daldala alaa fi qaraxarraa kan argamee ta’uu ibsameera.
Birriin miiliyoonni 83 fi kumni dhibbi 7 fi kumni 68 gurgurtaa Lootariirraa kan argame ta’uu obbo Laaqaw ibsaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Comments (0)
Add Comment