Baatiwwan 6 keessaatti ergaa gababa barreeffaman 8100A ijaarsa hidha haaromsaa guddichaaf Birriin Miiliyoonni 52 walitti qabame

Finfinnee, Fulbaana 21, 2013 (FBC) – Baatiwwan 6 keessaatti ergaa gabaaba barreeffaman 8100A ijaarsa hidha haaromsaa guddichaaf Birriin Miiliyoonni 52 walitti qabameera.

Sirni ba’iinsa caarraa lootarii marsaa 2ffaa ergaa gababaa 8100A har’a gaggeeffamera.

Hawaasni ijaarsaa hidhichaaf bittaa boondii dabalatee karaa adda addaan deeggarsa olaanaa taasisaa akka ture ibsameera.

Ijaarsaa Hidha haaromsaa guddichaaf hawaasni gara fulaa duraatti erga gabaaba 8100A fi karaa biroon deeggaruun shooraa isaa akka ba’aatu waamichi dhiiyateera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment