Baatiwwaan jahaan darban balaa Tiraafikaan qabeenyi Birrii biiliyoona 1.9 olitti tilmaamamu barbaadaa’e – TKM

Finfinnee, Guraandhala 20, 2016 (FBC) – Baatiwwaan jahaan darban balaa Tiraafikaan qabeenyi Birrii biiliyoona 1.9 olitti tilmaammu barbaadaa’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiise.

Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa haala yeroo ilaalchisee ibsee kenneera.

Miidhaan Balaan Tiraafikaa qaqqabsiisu yaaddoo ta’aa jiraachuu Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Salamaawit kaasaniin ibsaniiru.

Baatiwwan jahaan darban qofa Lubbuun namoota kuma 1 fi 358 balaa tiraafikaan darbuu eeraniiru.

Mootummaan miidhaa balaan tiraafikaa qaqqabsiisu hir’isuuf hojiilee hedduu hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Yaa ta’uutii jijjiiramni argame daraan muraasa ta’uu ibsaniiru.

Namoonni kumni 2 fi 672 miidhaa qaamaa cimaaf saaxilamuu eeraniiru.

Baatiwwaan jahaan darban balaa Tiraafikaan qabeenyi Birrii biiliyoona 1.9 olitti tilmaamu barbaadaa’uu ibsa isaaniin himaniiru.

Mootummaan miidhaa damee kanaan qaqqabaa jiru hir’isuuf xiyyeeffannoon addaan hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Nageenya Tiraafikaarratti hubannoo barbaachisu uumuuf miidiyaaleen itti gaafatamummaa isaanii akka bahan gaafataniiru.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment