Baatiiwwan shanan darban cuuciiwwan lukkuu miiliyoona 29.5 qonnaan bultootaaf dhiyaataniiru

Finfinnee, Mudde 13, 2016 (FBC)- Baatiiwwan shanan darban cuuciiwwan lukkuu guyyaa tokkoo miiliyoona 29.5 qonnaan bultootaaf dhiyaachuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Minitirri Ministeerichaa Dooktar Girmaa Amanteen sagantaan “Maaddii Guutuu” erga hojiirraa oolfamuu eegalee ummanni fayyadamaa ta’aa jiraachuu ibsan.

Karoora sagantichaa milkeessuuf lukkuu, beeyladoota, gaaguraa kanniisaa fi galteewwan biroo qonnaan bultootaaf dhiyaachaa jiraachuu himaniiru.

Haaluma kanaan baatiiwwan shanan darban cuuciiwwan lukkuu guyyaa tokkoo miiliyoona 29.5 qonnan bultootaaf dhiyaachuu dubbataniiru.

Karoorri kunis kan bara darbee yeroo walfakkaataan yoo walbira madaalamu fooyya’iinsa olaanaa akka qabu dubbachuu TOI gabaseera.

Kana malees, gaagura kanniisaa ammayyaa kuma 315 dhiyaachuu eeranii hojiilee misooma qonnaa walmadaalawaan akka gaggeeffamuuf Inistitiyuutii Ce’umsa Qonnaa Itiyoophiyaa waliin walta’iinsaan hojjechaa jiraachuu Dooktar Girmaan ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment