Finfinnee, Sadaasa 12, 2016 (FBC)- Kurmaana jalqabaa 2016 mallaqaa alaa gara Itiyoophiyaatti ergameerra galiin Doolaraa biiliyoona 1.1 argamuun ibsame.
Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Koreen Dhaabbii Dhimmoota Hariiroo Alaa fi Nageenyaa raawwii karoora bara bajataa 2016 Ministeera Dhimma Alaa gamaaggameera.
Tajaajiloota Qoonsilaa fi Kiraa Gamoorraa galii Birrii miiliyoona 341 olii walitti qabuun akka danda’ame gamaaggamicharratti ibsameera.
Lammiileen kuma 1 fi 67 biyya alatti mirgi isaanii sarbameef beenyaan akka kaffalamuuf taasifamuunis eerameera.
Lammiileen kuma 10 fi 672 karaa seeraan alaa biyyaa bahan gara biyyaatti akka deebi’an taasifamuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarra argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.