Finfinnee, Onkololeessa 29, 2017 (FBC)- Baatiiwwan sadan darban oomisha Bunaa gabaa alaaf dhiyaaterraa galiin Doolaara miiliyoona 520 argamuu Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa beeksise.
Daayrektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa Dooktar Addunyaa Dabalaan, bara kanaa Buna qulqullinaa fi baay’inaan gabaa alaaf dhiyeessuun sharafa alaa dabaluuf karoorfameen, hojiilee bal’aan hojjetamaa jiraachuu ibsan.
Buna toonii kuma 400 gaba alaaf dhiyeessuun Doolaara biiliyoona 2 argamsiisuuf karoorfamee keessaa, baatiiwwan sadan darban buna toonii kuma 115 dhiyeessuun galii Doolaara 520 argamsiisuun akka danda’ame dubbataniiru.
Karoora damichaan qabame milkeessuuf oomishaa fi omishtummaa bunaa dabaluuf akkasumas buna qulqullinaan dhiyeessuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa akka jiru kaasaniiru.
Hojmaata daldala bunaa saffisiisan diriirsuu, filmaatawwan gabaa bal’isuu, sona dabaluu fi fuuncaa gabaa gabaabsuuf hojiilee bal’aan gaggeeffamaa jiraachuu himaniiru.
Dabalataan hojii mallattoo daldalaa bunaa beeksisuu bal’inaan hojjetamuu ibsuun, kunis gabaa Addunyaarratti dorgomaa fi filatamaa taasisuu eeraniiru.
Itiyoophiyaan buna ishee gabaa biyyoota akka Jarman, Jaappaan, Saa’ud Arabiyaa, Beeljiyamii fi Ameerikaatti kan dhiyeessitu ta’uu himuun, yeroo dhiyoo asis, Chaayinaa, Kooriyaan Kibbaa fi Joordaan biyyoota bunaa Itiyoophiyaa bal’inaan bitan ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia