Baatiiwwan sadan darban lammiilee kuma 619’f carraan hojii umameera-MHO

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2017 (FBC)- Bara baajataa 2017 kurmaana jalqabaatti lammiilee kuma 619’f carraan hojii umamuu Ministeerrii Hojii fi Ogummaa beeksise.

Gamaaggamni raawwii guyyoota 100 bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gaggeeffameera.

Ministirri Ministeeraa Hojii fi Ogummaa Aadde Mufaariyaat Kaamiil akka jedhanitti tarkaanfii riifoormii fooyya’iinsa diinagdee gooroo mootummaan fudhatee dameewwan hedduu kan dammaqse ta’uu dubbataniiru.

Keessumaa dameen dhuunfaa gahee olaanaa akka qabu ibsanii, carraa hojii uumuu irraa jireessan damichi kan qooddatu ta’uu himaniiru.

Bbaatiiwwan sadan darbanittis lammiilee kuma 619’f carraan hojii uumamuu ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment