Baatiiwwan sadan darban indaastirii maanufaakchariigiin bu’aalee jajjabeessan galmaa’uun ibsame

Finfinnee, Sadaasa 14, 2016 (FBC)- Baatiiwwan sadan darban indaastirii maanufaakchariigiin galmoonni ijoon karoorfaman bu’aalee jajjabeessaa galmeessuu Ministeerii Indaastirii ibse.

Gamaaggamni raawwii kurmaana jalqabaa Ministeeraa Indaastirii bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gamaaggamameera.

Ministirri Ministeera Indaastirii Malaakuu Allebal akka ibsanitti, damichaan baatiiwwan darban bu’aalee jajjabeessan galmaa’eera.

Galteewwan indaastirii dhiyeessuu, oomishaalee biyya alaarraa galan bakka buusuu, oomishaalee biyya keessaa gabaa alaaf dhiyeessuu fi invastimantiiwwan haaraa gama hawwachuun raawwii fooyya’aan galmaa’uu himaniiru.

Indaastiriiwwan maanufaakchariingii oomishalee toonii kuma 38 ol gabaa alaaf dhiyeessuun galii Doolaara miiliyoona 72 argamsiisuu ibsan.

Invastimantiiwwan haaraa gama hawwachuutiin karoora qabame %86.8 milkeessuun akka danda’amee fi indaastiriiwwan walitti hidhamiinsi gabaa uumameef dabaluu himaniiru.

Dabalataan dameewwan oomisha huccuuwwaniif, nyaataa fi dhugaatiif, injiinariingii fi ijaarsaaf galteewwan garaagaraa toonii miiliyoona 2 dhiyeesuun akka danda’ame ibsaniiru.

Sosochii Itiyoophiyaan Haa Oomishtuutiin fooyyessa hojmaataa, dhiyeessii lafaa, meeshaalee, faayinaansii fi elektirikii taasisuun raawwii indaastiriiwwan oomishaa guddisuun akka danda’ame eeraniiru.

Indaastiriiwwan oomishaas oomishaalee alaa galan biyya keessatti oomishuun bakka buusuuf deeggarsa taasifameen karooricha %82 milkeessuun sharafa alaa ba’uuf ture Doolaara miiliyoona 366 baraaruun akka danda’ame Obbo Malaakuun dubbataniiru.

Damee indastirii maanufaakchariingiin milkaa’inaalee galmaa’an cimanii akka itti fufaniif bittaa mootummaatiin oomishaalee biyya keessaaf dursi akka kennamu kallattiin kaa’amuu ibsaniiru.

Ministirri Ministeera Albuudaa Injiinar Habtaamuu Taganyi gama isaaniin, baatiiwwan sadan darban damee albuudaan sharafa alaa argamsiisuu fi omishaalee bakka buu’iinsaa biyya keessatti oomishuun jijjiiramni qabatamaan galmaa’uu eeraniiru.

Itiyoophiyatti dhaabbileen omisha albuuda Warqee, Simmintoo, Dhagaa Cilee fa’aan raawwii fooyya’aa galmeessuu eeranii, dhiyeenyaattis dhaabbileen haaraan hojii akka eegalan dubbataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment