Baatiiwwan sadan darban hawaasa daldalaa kuma 500 oliif tajaajilli oonlaayinii kennameera

Finfinnee, Sadaasa 14, 2016 (FBC)- Baatiiwwan sadan darban miseensota hawaasa daldalaa kuma 500 ol ta’aniif eeyyama daldalaa dabalatee tajaajiloota walqabatan biroo karaa oonlaayinii kennamuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa ibse.

Raawwiin kurmaana jalqabaa ministeerichaa bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti qoratameera.

Ministirri Ministeerichaa Gabiramasqal Caalaa, kurmaana jalqabaatti tajaajila saffisaa teeknooloojiin deeggarame kennuun bu’aalee jajjabeessan galmaa’uu dubbataniiru.

Keessumaa sirna daldala boba’aa hojmaata badaaf saaxilamaa turuu fi ka’umsa komii ta’aa turuu yaadachiisanii, yeroo ammaa ajaja bittaa boba’aarraa eegalee hanga gara Finfinneetti geejjibsiifamuu akkasumaas adeemsa raabsaa gara dijitaalaatti jijjiiruun akka danda’ame eeraniiru.

Sirna daldalaa ammayyeessuufis hawaasaa daldalaa kuma 500 ol ta’uuf eeyyama daldalaa dabalatee tajaajiloota biroo walqabatan karaa oonlaayinii kennuun akka danda’amee eeraniiru.

Dabalataan raawwiin daldala alaa sadarkaa gaariirraa jiraachuu Obbo Gabiramasqal Caalaan dubbataniiru.

Daldalli Jimaa dachaan dabaluu, midhaanota callaa fi zayitaa raawwii fooyyaa’aa galmeessuus ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment