Baatiiwwan lamaan darbanitti miseensoonni gareen shoroorkeessaa Shanee 373 barbadeeffamaan

Finfinnee, Hagayya 23, 2013 (FBC)- Baatiiwwan lamaan darbanitti tarkaanfii Mootummaan gareen shoroorkeessaa Shaneerratti fudhateen humnoonni garichaa 373 barbadeeffamuu Komishinarri Jeneraalaa Araarsaa Mardaasaa himaniiru.

Haala nageenyaa ammaa oromiyaarratti komishiniin poolisii oromiyaa ibsa miidiyaadhaaf kenneera.

Gareen shoroorkeessaa Shanee dantaa uummata oromoo kan hin qabnee fi ergamaa garee shoroorkeessaa TPLF’dha jedhan,komishinarri jeneraalaa Araarsaa Mardaasaa.

Haala nageenyaa naannoo Oromiyaarratti Caasaan nageenyaa fi ummatni waliin ta’uu nageenya isaa eegsifataa jira kan jedhan komishinarri jeneraalaa Araarsaan, tarkanffii mootummaan garee shoroorkeessaa irratti fudhateen humni shanee 373 barbadaa’eera jedhan.

Qindoominni garee TPLF fi Shanee biyya diiguuf kan jedhan komishinarri Jeneraalaa Araarsaan, ummatni gareen lachuu garee badii ta’uu hubatee itti qabsaawuu qabaa jedhan.

Nageenya naannichaaf poolisii Naannoo Oromiyaa fi qaamolee nageenyaa qindoominaan hojjEtaa jiraachuu kan eeran komishinarri jeneraalaa Araarsaan, hojii kanaanis bu’aan argamaara jedhan.

Dargaggoonni naannichaa dogoggoraan garee shoroorkeessaa shaneetti makamanis karaa nagaatiin deebi’uu akka danda’an waamichaa dhiyeessaniiru.

Ummatni akkuma kana dura Mootummaa cinaa hiriiree garee kannniin dhabamsiisaa ture ammas cimsee itti fufuu akka qabuufi nageenya naannoo ofii eeguu akka qabuu dhaaman.

Akka OBN gabaaseetti Baatii lamaan Mootummaa lola dhaabe keessatti, gareen Shororkeessaa Shaneen namoota 210 irra miidhaa kan geessisee yoo ta’u qabeenyaa mioliyoona 2 ta’uus barbadeessuunsaas ibsameera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment