Baatiiwwan kurnan darbanitti daldala alaarraa Doolaarri Ameerikaa biiliyoonni 2.4 argameera

Finfinnee, Waxabajjii 1,2012(FBC)- Baatiiwwan kurnan bara baajataa 2012tti daldala alaarraa Doolaarri Ameerikaa biiliyoonni 2.4 argameera.
 
Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii akka beeksisetti baatiiwwan kurnan darbanitti galii Doolaara biiliyoona 3 argachuuf karoorfamee hojjetamaa tureera.
 
Raawwii bara baajataa 2011 yeroo walfakkaataarra caalmaa %12.6 qaba.
 
Abaaboo, fudraa fi mudraa, jimaan karooraa ol, buna, midhaan dibataa, huccuu, midhaan dheedhii, foon, mi’eessituuwwanii fi warqeen karoora qabamerraa %50 amma %99 galmeessisaniiru.
 
Raawwin gogaa fi kallee, akkasumas loon dhaabbii gabaadhaf dhiyaate %50 gadidha.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Comments (0)
Add Comment