Baatiiwwan jahan darbanitti sadarkaalee kumni 1 ol ragga’uu ibsame

Finfinnee, Guraandhala 4, 2015(FBC)- Baatiiwwan jahan darbanitti sadarkaalee kumni 1fi 435 ol ragga’uu Inistiitiyuutiin Sadarkaalee Ityoophiyaa beeksise.

Sadarkaalee ragga’an kanneen keessaa 268 haaraa ta’uu Daayrektarri Daayrektoreetii Dhimmoota Kominikeeshinii inistiitiyuutichaa Yismaa Jiruun Faanaa Biroodkaastiing Korporeetitti himaniiru.

Kana malees sadarkaaleen 327 kanaan dura qophaa’anii warreen hojiirra hin oolle ta’uu eeraniiru.

Inistiitiyuutichi sadarkaalee kan qopheessu bu’aalee qonnaafi nyaataan, uffataalee, gogaafi kalleen, keemikaalaafi bu’aalee keemikaalaan ta’uu ibsaniiru.

Dabalataanis dameewwan koonistiraakshiniin, elektirooniksii, elektiroomekaanikaalaa akkasumas kunuunsa naannoofi fayyaan sadarkaalee kan qopheessu ta’uu ibsaniiru.

Yihaannis Darribawutu gabaase.

#Ityoophiyaa #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment