Baatiiwwan ja’an darbanitti galmeen himannaa kuma 4 fi 630 addaan cituu ibsame

Finfinnee, Amajjii 26, 2014 (FBC) –  Baatiiwwan ja’an darbanitti sababa himatamtoonnii fi ragaan dhiyaachuu dhabaniif galmeen himannaa kuma 4 fi 630 addaan cituu Ministeerri Haqaa beeksise.

Ministeerichi raawwii hojii baatiiwwan 6 darbanii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf dhiyeesseera.

Galmeewwan yakkaa falmiin irratti gaggeeffame kuma 26 fi 257 keessaa galmeewwan yakkaa kuma 4 fi 630 irratti himanni addaan cituu eereera.

Baatiiwwan jahan darbanitti yakkoota daangaa cehan, diinagdee, malaammaltummaa fi kanneen biroorratti falmii taasifameen galmeewwan kuma 8 fi 389 irratti murtoon kennamuu Ministirri Ministeera Haqaa Dooktar Geediiyoon Xiimootiiwoos ibsaniiru.

Hayilayyesuus Siyyumtu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment