Baatiiwwan arfan darbanitti meeshaaleen kontiroobaandii Birrii biiliyoona 1.5 olitti tilmaamaman to’atamaniiru-Komishinicha

Finfinnee, Muddee 1, 2014 (FBC)- Baatiiwwan arfan darbanitti meeshaaleen kontiroobaandii baasii fi galii Birrii biiliyoona 1.5 olitti tilmaamaman to’atamuu Komishiniin Gumurukaa beeksiseera.

Komishinarri Komishinii Gumurukaa Dabalee Qaabataa akka ibsanitti, meeshaaleen kontiroobaandii baasii fi galii Birrii biiliyoona 1.5 olitti tilmaamaman to’annaa jala ooluu ibsaniiru.

Qaamoleen meeshaalee kontiroobaandii kanneen daddabarsa turan 233 to’anna jala ooluu Komishinar Dabalee Qaabataa himaniiru.

Komishinichi baatiiwwan shanaan darbanitti galii Birrii biiliyoona 54 walitti kan qabee yoo ta’u, galichi kan bara darbeen wal bira qabame yoo ilaallamuu caalmaa Birrii biiliyoona 8.3 qaba jedhameera.

Komiishinichi oomisha ala ergeerra galii doolaraa Ameerikaa biiliyoona 1 argachuu ibsaniiru.

Almaaz Mokkoonnin

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com

/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment