Finfinnee, Eebla 27, 2015(FBC)- Baatiiwwan 9 darbanitti hojiileen damee maraan naannichatti hojjetaman bu’aa qabeessa ta’uu Pireezidaantiin naannoo Kibbaa Obbo Ristuu Yirdaan ibsan.
Waltajjiin gamaaggama raawwii karoora baatiiwwan salgan darbanii naannoo Kibbaa magaalaa Hawaasaatti gaggeeffamaa jira.
Nageenya fooyya’aa sadarkaa naannoofi biyyaatti argamerraan kan ka’e baatiiwwan salgan darbanitti naannichatti damee hundaan hojiileen milkaa’oon hojjetamuu Obbo Yirduun ibsaniiru.
Nageenyi bu’uura waan maraa ta’uu kan kaasan obbo Yirduun, walitti fufiinsa hojiilee misoomaa eegalamanii mirkaneessuuf nageenya lafa qabachiisuun barbaachisaa ta’uu ibsuusaanii ragaan kiminikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
Muxannoowwan gaarii baatiiwwan salgan darbanitti argaman itti fusiisuuniifi rakkoolee mul’atan furuun fayyadamummaa hawaasaa guddisuuf ni hojjetama jedhaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.