Finfinnee, Guraandhala 28, 2016 (FBC)- Baatiiwwan jahan darbanitti oomishni qonnaa kuntaalli miiliyoonni 506 walitti qabamuu Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen ibsan.
Raawwiin guyyoottan 100 Mana Maree Ministirootaa bakka Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad argamanitti qoratameera.
Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amaanteen raawwii baatiiwwan jahan darbanii ministeerichaa ilaalchisuun ibsa kennaniin, damee diinaagdee gooroo keessaa qonni tokko ta’uu kaasanii, damichi waggoottan sadan darban guddina %6.3 galmeessuu dubbataniiru.
Bara oomishaa 2015/16tti lafa hektaara miiliyoona 17.3 misoomuun oomishni kuntaalli miiliyoonni 506 walitti qabamuu eeraniiru.
Haaluma kanaan karoora qabame %99 milkeessuun akka danda’ame himaniiru.
Qormaatilee turan dandamachuun waqtii bonaatti bu’aan argames jajjabeessaa ta’uu kaasaniiru.
Baatiiwwan jahan darban qamaadii jalliisiin bu’aan gaariin argamuu himuun, bara oomishaa kana ammoo lafa hektaara miiliyoona 3 misoomsuuf karoorfamee keessaa lafti heektarri miiliyoonni 2.7 sanyiin uwwifamuu ibsaniiru.
Dabalatanis kuduraalee fi muduraalee oomishuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Barana xaa’oo kuntaala miiliyoona 19.4 alaa bitame keessaa xaa’oon kuntaalli miiliyoonni 8.2 biyyaa keessaatti geejjibsiifamuu Dooktar Girmaan kaasaniiru.
Hanqina xaa’oorratti bara darbee mul’ate barana akka hinmudanneef hojiilee bal’aan hojjetamaa jiras jedhaniiru.
Sagantaa Ashaaraa magariisaa baranaan biqiltuu biiliyoona 6.4 dhaabuuf karoorfamuu ibsuun, hanga ammatti biqiltuun biiliyoonni 4.6 qophaa’uu ibsaniiru.
Waggoottan 5‘n darban biqlituun biiliyoonni 32.5 dhaabamuu yaadachiisaniiru.
Baatiiwwan jahan darban sagantaa Maddii Guutuu milkeessuuf hojiileen garaagaraa bal’inaan hojjetamuu himaniiru.
Tsahaay Gulummaatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.