Baatiiwwan 6n darbanitti daldala alaa irraa Doolaarri biiliyoonni 1.33 argameera

Finfinnee, Amajjii 20, 2012 (FBC) – Baatiiwwan 6n darbanitti daldala alaa irraa galiin Doolaarri biiliyoonni 1.33 argamuu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksise.

Baatiiwwan 6n darbanitti daldala alaa irraa galii Doolaara biiliyoona 1.66 argachuuf karoorfamee, Doolaarri biiliyoonni 1.33 argamuu isaa Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii ifoomsera.

Galiin daldala alaa irraa argame kun kan bara darbe yeroo walfakkaatun yoo madaallame %10 caalmaa qaba jedhameera.

Galiin kun caalmaatti oomisha damee qonnaa, maanufaakchariingii fi albuuda irraa argamuun isaa himameera.

Baatiiwwan 6n darbanitti hojimaata ammayyaa diriirsuu fi tajaajila si’ataa kennuuf bal’inaan hojjetamaa turuu ministeerichi ibseera.

 

Comments (0)
Add Comment