Baatiiwwan 6’n darban dhiibbaa keessaa fi alaa dandamachuun guddina diinagdee galmeessineerra-Obbo Ahimad Shidee

Finfinnee, Amajjii 17, 2016 (FBC)-Baatiiwwan 6’n darbanitti dhiibbaa keessaa fi alaa dandamachuun dameewwan maddoota guddina diinagdee ijoon raawwiin fooyya’aan galmaa’uu Ministirri Ministeera Mallaqaa Obbo Ahimad Shiideen ibsan.

Koreen Giddugaleessaa Paartii Badhaadhina ajaandaalee dhimmoota guguddoo biyyaalessaa fi Paartichaarratti mari’achuun murtoowwan garaagaraa dabarseera.

Koreen Giddugaleessaa paartichaa baatiiwwan ja’an darbanitti guddina diinagdee waliigalaa biyyattii galmaa’erratti kan mari’ate ta’uun eerameera.

Miseensi Koree Hoji Raawwachiiftuu Paartichaa fi Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa mootummaan taasiseen baatiiwwan 6’n darban guddinni jajjabeessan galmaa’eera.

Guddinni galmaa’es biyyoota hedduu waliin yoo walbira qabamu raawwii fooyya’aa ta’uu himan.

Imaammatni seektara dhuunfaa hirmaachisuuf qophaa’an, bu’aa qabeessummaa argameef sababa ta’uu ibsanii, tarsiimoon madda diinagdee damee hedduu hojiirra ooluun dhiibbaawwan diinagdee dandamachuun walitti fufiinsaan akka guddinni galmaa’uu taasisuu dubbataniiru.

Hojiileen mootummaa, damee dhuunfaa fi dandeettii ummataa walitti hidhuun hojjetaman bu’aa olaanaa argamsiisuu hubachiisan.

Dameewwan qonnaa, indaastirii, tuuriizimii fi pirojektoota meeggaa irratti hojiileen bu’aa qabeessaa ta’an hojjetamuu akkeekanii, qaala’iinsa gabaa tasgabbeessuu, sharafa alaa argamsiisuuf dhaabbilee tumsitootaa waliin xiyyeeffannaan hojjechuun cinaatti akaakuuwwan daldala alaa, baay’inaa fi qulqullina guddisuuf hojiileen hojjetaman raawwii gaariin galmaa’eera jedhan.

Ta’us, fedhii jiruun sharafa alaarratti, oomishaalee alatti ergamaniif filmaatawwan gabaa haaraa babal’isuun xiyyeeffanaan kan hojetamuu ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

Idaa waggoottan shanan darbanii gama kaffaluun hojiilee bal’aan hojjetamuu fi liqii daldalaa haaraan kan hinraawwatamne ta’uu kaasan.

Walta’iinsa dhaabbilee misoomaa waliin jiru dabalaa dhufuun guddina diingadeef gumacha taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Guddina diinagdee Itiyoophiyaa karaa fooyya’iinsa qabuun itti fufsiisuuf qaala’iinsa gatii fi qaala’iinsa jireenya akkasumsa dhiibbaa idaa salphisuun xiyyeeffannaa fuulduree ta’ee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment